Kutaa 8ffaa Harme, barachuu akkan qabu ni amanta; garuu, eenyuutu nu gargaara isa jedhuudha mitii sodaan kee?" Jedhee gaafateenii, deebiis utuu isheerraa hin eegin, "Dhiis itti hin dhiphatin, aniyyuu dalagee of nan barsiisaatii; siifis irraa hafaa nan ta'a." "Akkam gootee ilma ko?" Ni himeef - dalagaa lestrummaarra bobba'uu kan yaade ta'uusaa; utuu hin turin - borirraa eegalee! "Hin shakkin harme-hin shakkin!" Jedhe Kennaan, miira amansiisuuf dhiphateen harka Kuluulee lachan qabee urgufaa. "Harme waadaa naaf seenil" "Maalirratti?" "Waan ta'erratti waadaa naaf seeni." "Jedhi naa himika." "Dursa waadaa naaf seeni kaa !" ''Tole, kunoo waadaa siif seene." - Bar'uu harka ilmashee keessa rukuttee waadaa seente. "Hojii ijoolleeti hin jettuu?" "Hin jedhu korma ko Kennaan waadaa seenameefiitiin akka gammadee jirutti, "Egaan bor irraa eegalee k