Skip to main content

Asoosama imaanaa imaltuu ktaa 3ffaa

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 3ffaa

Yooyyaa.ashamaa akkam jirtu hordoftoota koo asoisama gabaabaa isiniif dhiheesaarea obsaan dubbisaa

 Lapheen asaasa qalbii dhaga'e, kanuma dhaga'e 

dabarsee sammuu dhageessise. Jennaan Dorombeen 

bu'aa-ba'ii malee haadhomuu yaadde - mucicha 

mucoomfattee ! Dhumarratti, miira kanaan 

hoofamtee dhaqxee, mucaa itti tolee harma haadhasaa 

hoomacheeffatee hodhuutti jiru buttee kaasuutti 

baattee, ija haadhomeen achii-gadi ilaalaa, Afaan 

Oromoo isa akka Afaan dhalootasheetti qulqullisa 

haasoftu sanaan Kuluulee gaafatte - dhala kee naa 

kenni jettee. 

Kuluuleen, godoo mataa jala kaa'attu kan hin qabne 

kadhaan-bultuudha; akkasumas qaro-dhabeettii 

guyyaan itti dukkanaa'e. Ammammoo, yeroo itti biyyi 

waan nyaatu dhabee beela'ee, duutni beelaan da'aatee 

balbala mana nama hundaa jala riphee ciisaa jiru 

keessa, lubbuu biraan waan nyaatu isheerraa eegu 

tokko gara jireenyasheetii dhufeera 

mormaarratti gooba qeerroo! 

quufa Egaan, yeroo hamaa akkanaa keessatti kuluuleen waanlammiin hin yaadin faranjii ormi tokko yaaddeefii, 

'kennadhu kan ati dhalten guddisaa' jechuun ishee, 

tarii kun waliif gaddiinsa namoomaati; mucaa 

dhalateefis tuqaa dabsama jireenya daandii 

lakkuurraati. 

Haata'u malee, waa'een waliif gaddiinsi namoomaa 

akka jiruun yaada gaarii akka ta'etti yeroof 

haaturuutii... dhugaan jiru tokko, hammam 

haarakkattu, hammam haakadhattu, hammamis 

jaamaa yoo taate, haatni haadha; dhallis dhala. 

Dureessa-deegaa, kennaa-fudhataa, adii-gurraacha ... 

jedhee hin foo'u; garaan haadhaa garuma haadhaati; 

garaan dhalaas akkasuma. 

Maalreegaa, dhala kee baatii sagaliifi cina garaatti 

baatte dabarsii naa kenni jedhamtee haatni gaafatamte 

deebiisheen kennitu tilmaamuun nama dhibaaree?I 

"Rakkina koo har'aa ilaalee, kennaa Rabbi naa kenne 

dabarsee ormaaf hin kennu," jette Kuluuleen. 

"Kennaa!" Jettees maqaa moggaaste - maqaa 

bareedaa! Maqaa seena qabeessa! 

Dorombeen deebii kennameef dhageessee battaluma 

abdii hin kunne. Dabaltee-daddabaltee, gama 

tokkootiin carraa mucichaa jalaa gubuutti 

jiraachuushee Kuluulee hubachiisuu yaalaa, gama 

biraatlinimmoo waadaa gargaarsaa seerij'.lafii, haadha 

amansiistee yaadashee durattii jijjiirsisuuf hedduu 

dhamaate. Haatni garuu doorsisaafi urursa sana 

mara homaatti utuu hin hedin diddaasheetti cichite. 

Yaaliin sun marti dadhabbii akkasumaanii harkatti 

taanaan, Dorombeen, akka dal'anuus, akka mufachuus, 

akka aaruus taate; akka waan dugda- baasni waliif 

gaddiinsa namoomaa, waliif kenniinsa dhalaafi 

haadhomaa ta'ee! Haatni dhala koo hin kennu waan 

jetteef jibbamte. Gargaarsi irraa cite. Garaan 

baqaqsamee hodhame madaa utuu hin qoorfatin, 

"Ba'i!" Jedhamte. "Hin ba'u!" Jettee goolii hin kaasne 

haatni; harka tokkoon mucaa abbaa godhatteef hin 

beekne kaasuutti qabattee, harka biraan ulee of dura 

hafarsaa - lafa tuttumataa - karaa ilaallataa - dhiiga gadameessichaa cocobsaa moraa keessaa baate.


Comments

Popular posts from this blog

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 4ffaa

 Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddu￾galeessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kana￾kanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jab

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 6 FFAA

 Yooyyaa ashamaa akkam jirtu kabajamtooni fi hordoftoonni toora maarsaritii keenya asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra obsaan dubbisaa. Galatoomaa Kutaa jahaffaa hin dhiisu: mala, toftaa, haxxummaa, abjicha dhugoomsuuf barbaacha yaadaan dhama'a - hedduu dhiphata. Dhumarrattis qabxii tokkorra ga'uu danda'e. Laphee haadhasaa boraafaterraa ol jedhee, sagalee gadi qabatee, "Harme... harme," jedhee waamaa, haadhasaa rafte dammaqsuuf tuttuqa - yommuu dammaqxuttis akkasheen hin wareerreef - suuta. "Ana kan si waame harme."  "Maal taate ilma ko?" "Hirribaan si dammaqse mitii? Dhiifama harmee."  Bakka irraa eegaluuf yaada. "Ni beeloftee ilma ko?"  "Lakki harme hin beelofne" "Maal dhibamteree tokkicha ko? Maaltu si dammaqse?" "Hin rafneyyuudha anoo haadha ko; calliseen yaadaa ture." "Maal yaaddaa qaroo ko? Yaada kaminni akkanatti dhiphisee hirriba si dhorke?" Kennaan x

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 2FAA

Yooyyaa!ashamaa akkam jirtu kabajamtoonni toora maarsariiti keenyaa asoosama gabaaba isiniif qabanne dhufneerra obsaan dubbissaa.  Egaan, simboon mucichaa akka ulfina mootii nama rifaasifata erga ta'ee, simboosaatiin hubamtuun jalqabaa, deessistuttii - Dr. Dorombeedha; mucichi gadameessa Kuluulee akka ba'een kan buufate harka isheerra waan ta'eef Sirriidha! Simboon mucichaa rifaasifateera - ittiin hubamteetti. Hubuuniirrayyuu darbee, dheebuu dhala godhachuu hin ba'aatin hafteefi waggoottan digdamman darbaniif of hirraanfachiistee jiraatte, umurii itti dubartiin dhala godhachuu hin dandeenye - waggaa shantamman isheetti itti dammaqse. Yeroo sanatti, faranjoota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi, ogummaa fayyaafi bulchiinsaatiin Hospitaala Adiventistii Gimbii tajaajilaafi bulchaa turan keessaa Dr. Dorombeen ishee tokkoodha - "lspeeshaalistii" wal'aansa gadameessaati. Or. Dorombeen, hawaasa Gimbiifi naannoosheetti argaman biratti maqaa gaarii qabdi. Keessattuu