Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddugaleessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kanakanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jabeessa laata? Kanarrattimmoo arrabasaanii! Moggaa gabaa, herbee of-dura haftee teessee, "Sile Maram - Maaramiif jedhaatii ••• " jennaan, muraasni dhaga'ee kan hin dhaga'iin ta'ee boquu cabsatee bira darbe; muraasni dumbulloo darbateef; hedduun garuu, arraba lafee hin qabneen lafeeshee cabsan. "Mu .. .l Gogi!" Jetteen gabaan Gimbii, dubartiin dubartii akkasheetiif funyaan qabataa, itti cirriinfataa! "Ija hin fuuneen kunl lsayyuu hin qaanoftuum firaa, 'Sile Maram' jetti!" "Mee dhiisi mee haadha koo; bofa beekaaf miilla dhowwate inni jedhan dhugumaadha." "Dhiigichammoo utuu of irraa dhiqxee maal qaba? Mu ... !" "Hin dhageenyeehii? Dorombeen naaf kenni jennaan didde jedhaniim. Maal qaba amma yoo laatteef? 'Sin gonfa jennaan nan marii'adha jette' jedhan." "Mee dhiisaa maaloo •.• waa'ee garaa dhalaa utuu beektanii ..• " jetti Kuluuleen; malee hamaan afaanii ishee hin ba'u. Isaan hanga jedhan jedhanii, isheenis hanga dandeessu dhageessee - dhageessee yommuu dadhabdu, arraba gabaa baqa dhaqxee karra mana sagadaa jala teessi. Garuu achittis hin hafuuf; "Maaramiif jedhaatii na gargaaraa ••• " "Ammammoo as dhuftee!? Kee cubbuun dachaadha: tokko - ejjitee; lama .., carraa mucichaarra teesseel" Nadheen abukaakkeen - abukaakkeen gandaa, keessa cilaatta'aa adii itti haguugdee - haguugdee addeessitee - fakkeessitee, akka waan kaan yakkuun ofiif qulqullooftuu hidhii muxxeeffattee, Waaqaan wal dhabsiisuuf hedduu... hedduu jette. Kuluuleen garuu dhalasheetiif jecha hundaayyuu ni dandeessi turte. Waan fedhan haajedhan, haa'ajeeffatan, ittis haacirriinfatan; harmi gogaa hin bulle; mucaanis waan hodhu hin dhabne! Of-baruu Kennaa
Kennaan waggaa afur guutee yeroo of baretti: jireenya haadhasaa argee carraasaa hin abaarre; "Yeroo sana haatni kee utuu 'tole' jettee Dorombeef si laatte ta'ee, silaa yoowwana ishee waliin Ameerikaa deemtee jireenya faranjiin jiraattu jiraachuutti jirta turte," yoo jedhan dhaga'ee haadhas hin komatne. Hangas, haadhasaa guyyaan itti dukkanoofteef ulee qabee - dura adeemee, karaa agarsiise - qaroo ta'eef. Jechoota haatnisaa jettee kadhattuufi je_ttee eebbistu afaanii butatee, jedhee kadhate, jedhee eebbise - kadhaa gargaare!
1.3 Kennaan waggaa torba guute! Ganama tokko, akkuma ganama kaleessa dheengaddaa, Kennaan haadhasaaf ulee qabee utuugara umuriisaa magaalaatti geessaanii jiruu, ijoollotni keessatti argaman uccuu mana barumsaasaanii uffatanii, qalamaafi dabtarasaanii qabatanii yommuu mana barumsaa dhaqan argee innis barumsa fedhe - barachuu hawwe. Ammaan durattis kana ni arga ture - akka har'aa kana yaadaan qabee hin ilaalleen malee. Ta'us har'a yaadaan qabee isaan ilaaleera
Kutaa 5 itti fufa galatoomaa!
Comments
Post a Comment