Skip to main content

IMAANAA IMALTUU KUTAA 7ffaa

 Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 7 ffaa

Kuluulee jechoonni ilmooshee garaa raase, "Dhalako," jechuun isa eegalte rarrootti dhiistee, "Uf ... " jettee afuura dheeraa baafataa mudhiitti ol jettee, keenyan kuusaa midhaanichaatti hirkattee erga teesseen booda, "Namni barate kufee hin kufu; atis carraasaa argattee utuu barattee guyyaa tokko nama guddaa ',, akka taatu nan beeka. Kanaafimmoo firri nu barbaachisa. Akkuma ati beektu, nuti garuu... an si malee - atis ana malee fira dhiigaa hin qabnu; antees. Haatni koo - akkoon kee, hojjetaa mootummaa Aanaarraa maatii qabu tokkoof qacaramtee hojii mana keessaa hojjettiif turte: uccuu miiccitiif; ny~ata bilcheessitiif; mana qulqulleessitiif ... Halkan gaafa tokkoo, hojjechisiifataashee kanaan dirqarmtee gudeedamtee hin fedhin ulfoofte; hin fedhin na godhatte; nan guddisin duute. Dhaladhee isuman of baren addunyaa dukkanaa'e keessatti of arge - guyyuma tokkoofillee ifa arguuf kanan hin carroomin. Lafti kaaniif dirree, anaaf bowwaa... allayyaa qiliileedha. Daandiin kaaniif walqixxataas arangamaa hafee na waraana; gufuu ta'ee na gufachiisa; na takaala; na kuffisa; na dhiigsa; na madeessa. Beelli, dheebuun, daarri... dhaamochis qaama kootiif hiriyyaa ganamaati.Ta'us garuu qulqullina koo nan eeggadha ture - huubni uffata koorra hin buutu; miidhagduunis ture. Ana argee, akkanatti miidhegsee uumee Waaqa qaroo na dhowwate kan hin komatin hin turre .•. " "Ammallee ati miidhagduudhaam harme." "Garuu, na miidhe malee nan fayyadne. Rakkina caalaa miidhagina koo kanaadha inni qormaata jireenyaa anatti ta'e." Miirri ta'e tokko keessa Kuluulee qanxooxaa jira. Miiricha dhokfachuu waan dandeessu hin fakkaattu. "Dukkana da'aatanii kan fedha foon isaanii anatti ba'aachuuf na gaadan, kashlabbeefi machooftuu hedduutu ture. Maaramiin garuu dabarsitee harkasaaniitti na laattee hin beektu; taabotawwan an kufee sagadeefis gaachana naa ta'aanii bineensota  hamoo kanarraa na eegu turan. abaaramtuu sana garuu, iyya koo utuu dhaga'aanii dugda natti gatuun isaanii maaliif laata?" "Galgalli abaaramtuun ati jettu sun yoomii harme?" "Galgala ani itti naman hin beekneef siin ulfaa'e." 

Uf... galgala 

Guyyicha, har'as ba'eessa gootee yaadatti! 

"Ganna bacaqii keessa! Guyyaan isaas facaasaa! Galgala naannoo sa'a kudhanii anatti fakkaata. Yandoo cimaa qileensa makatetu rooba ture; guyyaasaas inyinya'aa ... qiciica'aa oole. Ciiseera; garuu hirribni na fudhatee of gatee hin rafne. Gara-jabina sanyii Addaam- bineensummaasaanii sammuu keessa naa bulchuuf, harki abbaa kee dhufee bakkan ciise.e jirutti yommuu wal'ansoo na qabu, hanga humni koo naa eyyametti sagalee ol fudhee iyyeen ture; iyya naa birmadhaa an iyye garuu bokkaa yandoo sanatu liqimsee hambifate. Gochaasaa kanarraa of haa qusatuufis jechoota kadhaa an beeku keessaa tokkollee utuun hin hambisin itti dha'eera; inni garuu miira gulufsiisuuniitti jirurraa al tokkoofillee dhaabatee sagalee kadhaa koo isa boo'ichi addaan kukkutu sana  dhaga'uuf hin eyyamne .•• hanga humni na danda'es of irraa faccisuu yaaleera ... garuu hin dandeenye.Hanga galgala sanaatti dhiirti na bira ga'ee hin beeku ture ••• iyyi koo, wixxifannaan koo, wawwaannaan koo sun marti homaa na hin fayyadne ... halkan tokkottin anis akkuma haadha kootii hin fedhin ulfaa'e; hin fedhin siin da'e. Garuu, singuddisin hin du'u!" Jettee humnaan dubbatte. Itti fuftees, "AI tokko-tokko yommuu n taa'ee yaadu, akkuma namootni jedhan, Dorombeef si laachuu diduun koo tarii ofittoomeenii laata-n jedha." "Gaabbiin sitti hin dhaga'aamin harme; murtoon kee sirruma ture. Anaafisimmoo qannoo mana ormaarra, Si'i - hiyyeettii haadha koo naaf wayya." Kennaan xiqqoo yaadee dubbachuu itti fufe; "Harme wanti ta'e hundinuu gaarummaaf akka ta'etti amani; namticha walakkaan dhiiga kootii dhiigasaa ta'e sanaafis dhiifama godhiif. Anaaf garuu kaleessas, har'as, fuul-durattis abbaan koo Waaqa," erga jedhee booda, gara dhimma marii'achiisuuniif hirribaa dammaqseenitti deebi'ee, "Dhiphinni kee naaf galeera.

Sagaleedhaan

👇👇👇👇



Comments

Popular posts from this blog

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 4ffaa

 Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddu￾galeessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kana￾kanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jab

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 6 FFAA

 Yooyyaa ashamaa akkam jirtu kabajamtooni fi hordoftoonni toora maarsaritii keenya asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra obsaan dubbisaa. Galatoomaa Kutaa jahaffaa hin dhiisu: mala, toftaa, haxxummaa, abjicha dhugoomsuuf barbaacha yaadaan dhama'a - hedduu dhiphata. Dhumarrattis qabxii tokkorra ga'uu danda'e. Laphee haadhasaa boraafaterraa ol jedhee, sagalee gadi qabatee, "Harme... harme," jedhee waamaa, haadhasaa rafte dammaqsuuf tuttuqa - yommuu dammaqxuttis akkasheen hin wareerreef - suuta. "Ana kan si waame harme."  "Maal taate ilma ko?" "Hirribaan si dammaqse mitii? Dhiifama harmee."  Bakka irraa eegaluuf yaada. "Ni beeloftee ilma ko?"  "Lakki harme hin beelofne" "Maal dhibamteree tokkicha ko? Maaltu si dammaqse?" "Hin rafneyyuudha anoo haadha ko; calliseen yaadaa ture." "Maal yaaddaa qaroo ko? Yaada kaminni akkanatti dhiphisee hirriba si dhorke?" Kennaan x

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 2FAA

Yooyyaa!ashamaa akkam jirtu kabajamtoonni toora maarsariiti keenyaa asoosama gabaaba isiniif qabanne dhufneerra obsaan dubbissaa.  Egaan, simboon mucichaa akka ulfina mootii nama rifaasifata erga ta'ee, simboosaatiin hubamtuun jalqabaa, deessistuttii - Dr. Dorombeedha; mucichi gadameessa Kuluulee akka ba'een kan buufate harka isheerra waan ta'eef Sirriidha! Simboon mucichaa rifaasifateera - ittiin hubamteetti. Hubuuniirrayyuu darbee, dheebuu dhala godhachuu hin ba'aatin hafteefi waggoottan digdamman darbaniif of hirraanfachiistee jiraatte, umurii itti dubartiin dhala godhachuu hin dandeenye - waggaa shantamman isheetti itti dammaqse. Yeroo sanatti, faranjoota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi, ogummaa fayyaafi bulchiinsaatiin Hospitaala Adiventistii Gimbii tajaajilaafi bulchaa turan keessaa Dr. Dorombeen ishee tokkoodha - "lspeeshaalistii" wal'aansa gadameessaati. Or. Dorombeen, hawaasa Gimbiifi naannoosheetti argaman biratti maqaa gaarii qabdi. Keessattuu