Yooyyaa!ashamaa akkam jirtu kabajamtoonni toora maarsariiti keenyaa asoosama gabaaba isiniif qabanne dhufneerra obsaan dubbissaa.
Egaan, simboon mucichaa akka ulfina mootii nama rifaasifata erga ta'ee, simboosaatiin hubamtuun jalqabaa, deessistuttii - Dr. Dorombeedha; mucichi gadameessa Kuluulee akka ba'een kan buufate harka isheerra waan ta'eef Sirriidha! Simboon mucichaa rifaasifateera - ittiin hubamteetti. Hubuuniirrayyuu darbee, dheebuu dhala godhachuu hin ba'aatin hafteefi waggoottan digdamman darbaniif of hirraanfachiistee jiraatte, umurii itti dubartiin dhala godhachuu hin dandeenye - waggaa shantamman isheetti itti dammaqse. Yeroo sanatti, faranjoota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi, ogummaa fayyaafi bulchiinsaatiin Hospitaala Adiventistii Gimbii tajaajilaafi bulchaa turan keessaa Dr. Dorombeen ishee tokkoodha - "lspeeshaalistii" wal'aansa gadameessaati. Or. Dorombeen, hawaasa Gimbiifi naannoosheetti argaman biratti maqaa gaarii qabdi. Keessattuu dubartootni isheen deessisteaalalaafi kabajaa guddaa qabuuf. Dandeettii'shee gaafa raajanii dubbatanis, "Harkishee qoricha," jedhu; "Ciniinsuu gabaabsa; nagaan of kalchiisa," jedhanii hamatuun - harka Dorombee. Dorombeen, dhala godhachuu kan hin dandeenye - dhabduu turte. Sababuma kanaatiin, abbaa manaashee isheen jaallattuufi jaallatuun, gaa'ilasaanii diigee yeroo dubartii biraa fuudhe sana, lapheen ishee Waaqa isa gadameessashee gogsetti hedduu gaddee ture. Dorombeen ammaan duratti haadholii hedduu deessisteetti; mucoolii mimmiidhagoo hedduus agarteetti. Lapheen ishee garuu akka mucaa kanaaf rifatetti kan rifateef hin qabu. Jennaan qalbiin ishee, laphee mucichaaf rifatetti utuu asaasuu dhageesse - akkana jedhee; "Rifaatiin kee sababa malee miti. Tarii maaltu beeka, mucichi kaffaltii beenyaa Waaqa kaleessa gadameessa onseeti ta'aa!?
Itti fufa kutaa sadaffaan.......
woow
ReplyDelete