Skip to main content

Imaanaa imaltuu kutaa 8ffaa

Kutaa 8ffaa

 Harme, barachuu akkan qabu ni amanta; garuu, 

eenyuutu nu gargaara isa jedhuudha mitii sodaan kee?" 

Jedhee gaafateenii, deebiis utuu isheerraa hin eegin, "Dhiis itti hin dhiphatin, aniyyuu dalagee of nan


barsiisaatii; siifis irraa hafaa nan ta'a." 

"Akkam gootee ilma ko?" 

Ni himeef - dalagaa lestrummaarra bobba'uu kan 

yaade ta'uusaa; utuu hin turin - borirraa eegalee! 

"Hin shakkin harme-hin shakkin!" Jedhe Kennaan, 

miira amansiisuuf dhiphateen harka Kuluulee lachan 

qabee urgufaa. 

"Harme waadaa naaf seenil" 

"Maalirratti?" 

"Waan ta'erratti waadaa naaf seeni." 

"Jedhi naa himika." 

"Dursa waadaa naaf seeni kaa !" ''Tole, kunoo waadaa siif seene." - Bar'uu harka 

ilmashee keessa rukuttee waadaa seente. 

"Hojii ijoolleeti hin jettuu?" "Hin jedhu korma ko Kennaan waadaa seenameefiitiin akka gammadee jirutti, "Egaan bor irraa eegalee kadhaan haaga'u; nutis 

dhiisneerra," jechuun harka mirgaa aboottiffatee 

kaasee dhaadannoo dhageessise. 

Waanti ilmishee jechuutti jiru kun Kuluuleetti ulfataa 

ta'ee mul'atus, dursee waadaa seensisiifateera waan 

ta'eef mormuunii hin qabdu... hin mormineenis; 

"Dhala ko, duratti gargaarsa namaa malee - geggeessa 

ulee kiyyaatilnan ba'ee gala ture. Ergan siin argadhee 

asitti garuu amalan bade; karaan irra baatiifi galti 

kiyyallee yoowana na jalaa badeera. Lakki akkan hin jenneef, ijoollummaatti amileen si bu'innaa jedhee sodaadheeni malee kanarra xiqqoo utuu bilchaattee natti tola ture. Uf ••• egaan erga yaaddee, eebbi haadha keetii si faana jiraatii jabaadhu ! Guutummaa bara jireenya kee nagaatti jiraadhu. Waaqni ati amanattee kana yaaddes si haagargaarul" Kuluuleen mataa mucaashee harka lamaaniin qabdee, ''Tu •.• tu ... tu," adda mucaasheetti tuttufaa, "Adda argadhu. Jaalala nama

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 4ffaa

 Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddu￾galeessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kana￾kanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jab

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 6 FFAA

 Yooyyaa ashamaa akkam jirtu kabajamtooni fi hordoftoonni toora maarsaritii keenya asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra obsaan dubbisaa. Galatoomaa Kutaa jahaffaa hin dhiisu: mala, toftaa, haxxummaa, abjicha dhugoomsuuf barbaacha yaadaan dhama'a - hedduu dhiphata. Dhumarrattis qabxii tokkorra ga'uu danda'e. Laphee haadhasaa boraafaterraa ol jedhee, sagalee gadi qabatee, "Harme... harme," jedhee waamaa, haadhasaa rafte dammaqsuuf tuttuqa - yommuu dammaqxuttis akkasheen hin wareerreef - suuta. "Ana kan si waame harme."  "Maal taate ilma ko?" "Hirribaan si dammaqse mitii? Dhiifama harmee."  Bakka irraa eegaluuf yaada. "Ni beeloftee ilma ko?"  "Lakki harme hin beelofne" "Maal dhibamteree tokkicha ko? Maaltu si dammaqse?" "Hin rafneyyuudha anoo haadha ko; calliseen yaadaa ture." "Maal yaaddaa qaroo ko? Yaada kaminni akkanatti dhiphisee hirriba si dhorke?" Kennaan x

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 2FAA

Yooyyaa!ashamaa akkam jirtu kabajamtoonni toora maarsariiti keenyaa asoosama gabaaba isiniif qabanne dhufneerra obsaan dubbissaa.  Egaan, simboon mucichaa akka ulfina mootii nama rifaasifata erga ta'ee, simboosaatiin hubamtuun jalqabaa, deessistuttii - Dr. Dorombeedha; mucichi gadameessa Kuluulee akka ba'een kan buufate harka isheerra waan ta'eef Sirriidha! Simboon mucichaa rifaasifateera - ittiin hubamteetti. Hubuuniirrayyuu darbee, dheebuu dhala godhachuu hin ba'aatin hafteefi waggoottan digdamman darbaniif of hirraanfachiistee jiraatte, umurii itti dubartiin dhala godhachuu hin dandeenye - waggaa shantamman isheetti itti dammaqse. Yeroo sanatti, faranjoota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi, ogummaa fayyaafi bulchiinsaatiin Hospitaala Adiventistii Gimbii tajaajilaafi bulchaa turan keessaa Dr. Dorombeen ishee tokkoodha - "lspeeshaalistii" wal'aansa gadameessaati. Or. Dorombeen, hawaasa Gimbiifi naannoosheetti argaman biratti maqaa gaarii qabdi. Keessattuu