Skip to main content

Asoosama imaanaa imaltuu

  1985; Bara Beelaa Sana! 

Kuluulee ... l 

Hintala qaro-dhabeettii, kadhaan-bultuu, magaalaa,Gimbii keessa jiraattuufi, gabaa Maalifuu, kuusaa midhaanii tokko jala bultu tokkotu, galgala guyyaa tokkoo, namticha eenyummaasaa hin beekneen gudeedamtee dadhabbiin garaatti hafa. Guyyaan da'umsashee yommuu ga'ettis, gargaarsa namootaatiin gara Hospitaala Adiventistii Gimblitti geessamtee, wal'aansa baqaqsanii hodhuutiin ilma deesse. Lubbuu keessummaan gara biyya lafaa kana dhufe, iyyasaatiin kutaa da'umsichaa goole; "Uu ••• uu" jedhee iyye; iyya akuukkuu buuse - hadheeffatee boo'e ••• utuu itti hin jiraatin, jireenya addunyattii kanaa alaalatti argee - sodaatee! lyyisaa garaa nyaateenii, gara addunyaa keessaa dhufeetti haadeebi'uuf kan hirmannaa dhufe garuu hin turre; silaas kan haatni eyyamtee garaa baafatte, eenyu qabee garaatti haadeebisuufil? Innis isa kana hubachuu hin oolle; iyyasaa dhiisee gara barbaacha harma haadhaatti deebi'e. Iccitiin dhalachuu kan hubatameef garuu isaan booda ture - kanneen isa dursanii turaniiti isa boodaan dhufan argee; jechuun, dhalatan. Daa'imni reefuu dhalatte kamiyyuu garaa nama nyaatti. Waa'een mucichaammoo garaa nama nyaachuurrayyuu kan darbeedha. Isuma dhalatu luucca'aa rifeensaa dugdarra tuullatee garaa haadhaa ba'e. Harma haadhaarraa ol jedhee, ijawwan isaa lachan nyaara gobbuu walitti bu'oo sana jala da'ataniitiin hubatee akka nama guddaa gaafa nama ilaalu, akkaataan ilaachasaa, akka xiyyoo raajii - ala taa'ee, fooniifi dhiiga, akkasumas lafee keessa darbee, keessa sakatta'ee - argee, keessa da'oo lapheetii ka dhoksaa yaada namaa dubbisuuf humni addaa tokko kennameef sakkaata; simboon isarraas akka ulfina mootii nama rifaasifata

Ittti fufaa galatoomaa 

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 4ffaa

 Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddu￾galeessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kana￾kanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jab

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 6 FFAA

 Yooyyaa ashamaa akkam jirtu kabajamtooni fi hordoftoonni toora maarsaritii keenya asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra obsaan dubbisaa. Galatoomaa Kutaa jahaffaa hin dhiisu: mala, toftaa, haxxummaa, abjicha dhugoomsuuf barbaacha yaadaan dhama'a - hedduu dhiphata. Dhumarrattis qabxii tokkorra ga'uu danda'e. Laphee haadhasaa boraafaterraa ol jedhee, sagalee gadi qabatee, "Harme... harme," jedhee waamaa, haadhasaa rafte dammaqsuuf tuttuqa - yommuu dammaqxuttis akkasheen hin wareerreef - suuta. "Ana kan si waame harme."  "Maal taate ilma ko?" "Hirribaan si dammaqse mitii? Dhiifama harmee."  Bakka irraa eegaluuf yaada. "Ni beeloftee ilma ko?"  "Lakki harme hin beelofne" "Maal dhibamteree tokkicha ko? Maaltu si dammaqse?" "Hin rafneyyuudha anoo haadha ko; calliseen yaadaa ture." "Maal yaaddaa qaroo ko? Yaada kaminni akkanatti dhiphisee hirriba si dhorke?" Kennaan x

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 2FAA

Yooyyaa!ashamaa akkam jirtu kabajamtoonni toora maarsariiti keenyaa asoosama gabaaba isiniif qabanne dhufneerra obsaan dubbissaa.  Egaan, simboon mucichaa akka ulfina mootii nama rifaasifata erga ta'ee, simboosaatiin hubamtuun jalqabaa, deessistuttii - Dr. Dorombeedha; mucichi gadameessa Kuluulee akka ba'een kan buufate harka isheerra waan ta'eef Sirriidha! Simboon mucichaa rifaasifateera - ittiin hubamteetti. Hubuuniirrayyuu darbee, dheebuu dhala godhachuu hin ba'aatin hafteefi waggoottan digdamman darbaniif of hirraanfachiistee jiraatte, umurii itti dubartiin dhala godhachuu hin dandeenye - waggaa shantamman isheetti itti dammaqse. Yeroo sanatti, faranjoota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi, ogummaa fayyaafi bulchiinsaatiin Hospitaala Adiventistii Gimbii tajaajilaafi bulchaa turan keessaa Dr. Dorombeen ishee tokkoodha - "lspeeshaalistii" wal'aansa gadameessaati. Or. Dorombeen, hawaasa Gimbiifi naannoosheetti argaman biratti maqaa gaarii qabdi. Keessattuu