Skip to main content

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 6 FFAA

 Yooyyaa ashamaa akkam jirtu kabajamtooni fi hordoftoonni toora maarsaritii keenya asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra obsaan dubbisaa.

Galatoomaa

Kutaa jahaffaa

hin dhiisu: mala, toftaa, haxxummaa, abjicha dhugoomsuuf barbaacha yaadaan dhama'a - hedduu dhiphata. Dhumarrattis qabxii tokkorra ga'uu danda'e. Laphee haadhasaa boraafaterraa ol jedhee, sagalee gadi qabatee, "Harme... harme," jedhee waamaa, haadhasaa rafte dammaqsuuf tuttuqa - yommuu dammaqxuttis akkasheen hin wareerreef - suuta. "Ana kan si waame harme." 

"Maal taate ilma ko?" "Hirribaan si dammaqse mitii? Dhiifama harmee." 

Bakka irraa eegaluuf yaada. "Ni beeloftee ilma ko?" 

"Lakki harme hin beelofne" "Maal dhibamteree tokkicha ko? Maaltu si dammaqse?" "Hin rafneyyuudha anoo haadha ko; calliseen yaadaa ture." "Maal yaaddaa qaroo ko? Yaada kaminni akkanatti dhiphisee hirriba si dhorke?" Kennaan xiqqoo akka yaaduu godhee, "Waa'ee jireenya keenya kanaa .•• 'hanga yoomiitti?'-n jedha Ilmi koo guddatee sadarkaa waa'ee jireenyaa yaadan irra ga'e jechuudhaa!? Yaa Rabbi koo!" Jette Kuluuleen - sagalee baastee utuu hin taane keessasheetti. Kun silaatii gammachuusheeti. Garuu, erga waa'ee jireenyaa yaaduu jalqabee, gaaffii deebiin isheen itti kennamuu qabu hedduu, yeroosheen itti hin yaadinitti gaafachuunii mala. Gaafatanii waa baruunimmoo of baruurraa eegala. Kanaaf akka tasaa, "An eenyu? Abbaan kiyyahoo maali?" Jedhee yoo na gaafate, maalan deebisaaf?" Sodaa jedhutu keessashee jira. Kennaan garuu kana hin dhaqne; sodaa haadhasaa kana dursee waan hubateef fakkaata; "Abbaan koo eenyu?" Hin jenne; "Naa himtee hafte," jedhees muddee hin qabne ••. inni kan yaadu waan biraati! "Harme." "Oo! Maal jettee ilma ko?" "Barumsi bara kanaa xumuramee manni barumsaa yoom 

cufamaa?" "Xumura Waxabajjiitti akka ta'e nan beeka." "Waxabajji yoomii harme  irra ga'e jechuudhaa!? Yaa Rabbi koo!" Jette 

Kuluuleen - sagalee baastee utuu hin taane keessasheetti. Kun silaatii gammachuusheeti. Garuu, erga waa'ee jireenyaa yaaduu jalqabee, gaaffii deebiin isheen itti kennamuu qabu hedduu, yeroosheen itti hin yaadinitti gaafachuunii mala. Gaafatanii waa baruunimmoo of baruurraa eegala. Kanaaf akka tasaa, 

"An eenyu? Abbaan kiyyahoo maali?" Jedhee yoo na gaafate, maalan deebisaaf?" Sodaa jedhutu keessashee jira. Kennaan garuu kana hin dhaqne; sodaa haadhasaa kana dursee waan hubateef fakkaata; "Abbaan koo 

eenyu?" Hin jenne; "Naa himtee hafte," jedhees 

muddee hin qabne ••. inni kan yaadu waan biraati! 

"Harme." 

"Oo! Maal jettee ilma ko?" "Barumsi bara kanaa xumuramee manni barumsaa yoom 

cufamaa?" "Xumura Waxabajjiitti akka ta'e nan beeka." 

"Waxabajji yoomii harme? "Ji'a lama booda ji'a dhufu." "Deebi'ee kan banamuhoo?" "Birraan yoo bari'u." "Birraan yoom bari'aa harme?" "Ji'a shan booda." Kennaan waan gammade fakkaata. "Ji'a shanin qaba jechuudha - hedduudha!" "Kamiifii ilma ko?" "Manni barumsaa banamee anis barachuu jalqabuuf." Kuluuleen 'xis-ximbaa' hin jenne; deggertees mormitee waan dubbattu hin qabaanne. "Barumsa yaadeera harme; anis barachuun qaba!" "Nan beeka dhala ko-nan beeka; barachuu qabda; ta'u garuu ••• " "'Garuu •• .'-n maalii harme? Kan akka koo hin baratuu? Ilmoo daandiirratti dhalateef barumsi hin maluu? Abjuun koo hurriidhaa harme - hin dhugoomin hafaa?" "Akkas jechuuf miti dhala ko; abjuun kee hurrii miti - siif dhugooma!" "Egaan maalree harme? Maaliif mamte

Sagaleedhaan yoo barbaaddan

👇👇👇👇

Asoosama


Comments

Post a Comment

Popular posts from this blog

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 4ffaa

 Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddu￾galeessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kana￾kanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jab

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 2FAA

Yooyyaa!ashamaa akkam jirtu kabajamtoonni toora maarsariiti keenyaa asoosama gabaaba isiniif qabanne dhufneerra obsaan dubbissaa.  Egaan, simboon mucichaa akka ulfina mootii nama rifaasifata erga ta'ee, simboosaatiin hubamtuun jalqabaa, deessistuttii - Dr. Dorombeedha; mucichi gadameessa Kuluulee akka ba'een kan buufate harka isheerra waan ta'eef Sirriidha! Simboon mucichaa rifaasifateera - ittiin hubamteetti. Hubuuniirrayyuu darbee, dheebuu dhala godhachuu hin ba'aatin hafteefi waggoottan digdamman darbaniif of hirraanfachiistee jiraatte, umurii itti dubartiin dhala godhachuu hin dandeenye - waggaa shantamman isheetti itti dammaqse. Yeroo sanatti, faranjoota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi, ogummaa fayyaafi bulchiinsaatiin Hospitaala Adiventistii Gimbii tajaajilaafi bulchaa turan keessaa Dr. Dorombeen ishee tokkoodha - "lspeeshaalistii" wal'aansa gadameessaati. Or. Dorombeen, hawaasa Gimbiifi naannoosheetti argaman biratti maqaa gaarii qabdi. Keessattuu