Skip to main content

Posts

Imaanaa imaltuu kutaa 8ffaa

Recent posts

IMAANAA IMALTUU KUTAA 7ffaa

 Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 7 ffaa Kuluulee jechoonni ilmooshee garaa raase, "Dhalako," jechuun isa eegalte rarrootti dhiistee, "Uf ... " jettee afuura dheeraa baafataa mudhiitti ol jettee, keenyan kuusaa midhaanichaatti hirkattee erga teesseen booda, "Namni barate kufee hin kufu; atis carraasaa argattee utuu barattee guyyaa tokko nama guddaa ',, akka taatu nan beeka. Kanaafimmoo firri nu barbaachisa. Akkuma ati beektu, nuti garuu... an si malee - atis ana malee fira dhiigaa hin qabnu; antees. Haatni koo - akkoon kee, hojjetaa mootummaa Aanaarraa maatii qabu tokkoof qacaramtee hojii mana keessaa hojjettiif turte: uccuu miiccitiif; ny~ata bilcheessitiif; mana qulqulleessitiif ... Halkan gaafa tokkoo, hojjechisiifataashee kanaan dirqarmtee gudeedamtee hin fedhin ulfoofte; hin fedhin na godhatte; nan guddisin duute. Dhaladhee isuman of baren addunyaa dukkanaa'e keessatti of arge - guyyuma tokkoofillee ifa arguuf kanan hin carroomin. Lafti kaaniif dirre

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 6 FFAA

 Yooyyaa ashamaa akkam jirtu kabajamtooni fi hordoftoonni toora maarsaritii keenya asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra obsaan dubbisaa. Galatoomaa Kutaa jahaffaa hin dhiisu: mala, toftaa, haxxummaa, abjicha dhugoomsuuf barbaacha yaadaan dhama'a - hedduu dhiphata. Dhumarrattis qabxii tokkorra ga'uu danda'e. Laphee haadhasaa boraafaterraa ol jedhee, sagalee gadi qabatee, "Harme... harme," jedhee waamaa, haadhasaa rafte dammaqsuuf tuttuqa - yommuu dammaqxuttis akkasheen hin wareerreef - suuta. "Ana kan si waame harme."  "Maal taate ilma ko?" "Hirribaan si dammaqse mitii? Dhiifama harmee."  Bakka irraa eegaluuf yaada. "Ni beeloftee ilma ko?"  "Lakki harme hin beelofne" "Maal dhibamteree tokkicha ko? Maaltu si dammaqse?" "Hin rafneyyuudha anoo haadha ko; calliseen yaadaa ture." "Maal yaaddaa qaroo ko? Yaada kaminni akkanatti dhiphisee hirriba si dhorke?" Kennaan x

ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KUTAA 5ffaa

 Yooyaa ashama harka fuune akkam jirtu asoosama imaanaa imaltuu kutaa kutaan isiniif dhiheessaa jirra akka isinitti tole abdiin qaba. Obsaan hamma dhumaatti dubbisaa galatoomaa. Kutaa 5ffaa Waggoottan arfan darbaniif, qooqa daa'imaa mi'ooftuu sanaan haadha kadhaa gargaaraa jireenya kadhaan￾buluu dhandhamatee Kennaan akka taajjabetti: kadhaan nama leyaasisa; jireenyi kadhaa nama nuffisiisa; kadhatanii dhabuunimmoo caalmaa nama aarsa. Kanaaf kadhaan hafee, inniifi haatnisaa akkuma maatii biroo, daandii jiraachuun irra danda'aamu tarii yoo jiraate jedhee yaade! Halkan gaafa sanaa •.• waarii macci rafe, Kennaan garuu hin rafne; laphee haadhasaa boraafatee dugdaan ciisee, akka nama guddaa yaada bada; ni yaada; ni xiinxala. Dabalee-daddabalee, fedhaafi hawwiisaa alanfata. Kadhatee utuu hin taane dalagaa baratee, bor nama ta'ee .•• haadhasaas nama gochuu abjoota. Abjootees

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 4ffaa

 Deessuu da'umsarratti dhiiga hedduutu dhangalaa'a. Kanaaf jabaattee hanga kaatutti ciistee, dhangaa dhiiga dhangala'e bakka buusuuf sooramuu qabdi. Turtiin yeroo ciisichasheetiis haala jireenya deessuttiirratti kan hundaa'u ta'us, deessuun kamiyyuu giddu￾galeessatti, torban ja'aaf ciistee, nyaata ka duratti sooratturra fooyya'e argataa wal'aanamuu qabdi; ta'uu baannaan ni yelbatti - cabdee hafti! Kanumaafidha deessuu, yeroo kam caalaatti kan namni, anteen, firri barbaachisuun - kan wal'aaneenii dhiigicha deebisuuf. Fuul-duraaf akeekanii, kanatu dhufaa beekanii nama kaa'achuun, orma firoomfatanii antee godhachuun, fira qabaachuun, guyyaa akka kana￾kanaaf tola. Kadhattuun deesse - Kuluuleen garuu, durattiyyuu isaan kanaaf orma waan turteef, ciistee wal'aanamuu keessaa qooda hin qabaanne. Garuu, dhalli namaa Inni bineensa daggalaa ofitti madaqsee manatti galchatee waliin jiraachuu danda'e, dhala namaa akkasaattimmoo maaltu garaa isa jab

Asoosama imaanaa imaltuu ktaa 3ffaa

Asoosama imaanaa imaltuu kutaa 3ffaa Yooyyaa.ashamaa akkam jirtu hordoftoota koo asoisama gabaabaa isiniif dhiheesaarea obsaan dubbisaa   Lapheen asaasa qalbii dhaga'e, kanuma dhaga'e  dabarsee sammuu dhageessise. Jennaan Dorombeen  bu'aa-ba'ii malee haadhomuu yaadde - mucicha  mucoomfattee ! Dhumarratti, miira kanaan  hoofamtee dhaqxee, mucaa itti tolee harma haadhasaa  hoomacheeffatee hodhuutti jiru buttee kaasuutti  baattee, ija haadhomeen achii-gadi ilaalaa, Afaan  Oromoo isa akka Afaan dhalootasheetti qulqullisa  haasoftu sanaan Kuluulee gaafatte - dhala kee naa  kenni jettee.  Kuluuleen, godoo mataa jala kaa'attu kan hin qabne  kadhaan-bultuudha; akkasumas qaro-dhabeettii  guyyaan itti dukkanaa'e. Ammammoo, yeroo itti biyyi  waan nyaatu dhabee beela'ee, duutni beelaan da'aatee  balbala mana nama hundaa jala riphee ciisaa jiru  keessa, lubbuu biraan waan nyaatu isheerraa eegu  tokko gara jireenyasheetii dhufeera  mormaarratti gooba qeerroo!  quufa E